Ministeerri RIB miseensota raayyaa ittisaa ergama nageenya kabachiisuu idil addunyaarratti bobba’uun gara biyyaa hin deebine muraasa ilaalchisuun ibsa laate

74

Finfinnee, Ebla 19/2014 (TOI) – Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa miseensota raayyaa ittisa biyyaa ergama nageenya kabachiisuu idil addunyaarratti bobba’uun gara biyyaa hin deebine muraasa ilaalchisuun ibsa laateera.

Gareen shororkeessaa ABUT dheebuu aangoo qabu galmaan ga’uuf jijjiirramaa akka biyyaatti dhufee fudhachuu dhabuun Waxabajjii 24, 2013 raayyaa ittisa biyyaa ajaja kaabaarratti haleellaa raawwateera.

Gareen ABUT raayyaa ittisa biyyaa ajaja kaabaarratti haleellaa raawwachuusaatiin dura raayyaa ittisa biyyaa keessatti kan argaman miseensota afaan Tigriffaa dubbatan gochaa badii kanaaf akka qopha’aan taasisuun ajaja kaabaarratti alaa fi keessaan haleellaa banuun isaa ni yaadatama.

Wayita duulli birmadummaa biyyaa kabachiifamuu eegalu raayyaa ittisa biyyaa waliin hojjetaa kan turan miseensonnii fi hoggantoonni olaanoon afaan Tigriffaa dubbataan milkaa’ina duulichaaf jechaa miindaa fi sooranni isaanii osoo adda hin citin mana isaanii akka turan taasifamuun isaa ni yaadatama.

Haleella ajaja kaabaatin duras ergama gara biyyaa alaatti nageenya kabachisuuf kan ergaman miseensonni afaan Tigriffaa dubbatan ergama raayyaa ittisa biyyaarratti rakkoo hin uumaan jedhamuun hojii isaanii akka itti fufan taasifameera.

Yaa ta’u malee miseensonni afaan Tigriffaa dubbatan gara biyya isaanii akka hin deebineef ergamtoonni wayyaanee proppoogaandaa uumuun miseensota kanneen burjaajessaa jiru jedha ibsi Ministeericha.

Gara biyyaa yoo deebitaan ni hidhamtu jechuun odeeffannoo sobaa miseensota raayyaa ittisaa biyyaasaanii tajaajilaa turan afaan Tigriffaa dubbataanirratti hojii burjaajessuu hojjetaniiru.

Miseensonni raayyaa ittisa biyyaa kunneen dhaabbataa fi biyyaa isaanii jibbuun osoo hin taanee, gochi badii wayyaanee sodaa itti ta’uun loltoonni muraasni biyyaa nageenya kabachiisuuf deemaniitti hafaniiru.

Kana dura miseensonni nageenya kabachiisuuf gara Daarfuur bobba’aanii turan gara biyyaa akka deebi’aan taasifamuus burjaajjii wal fakkatuun loltoonni muraasni gara biyyaa osoo hin deebi’an hafaniiru.

Yeroo amma kana miseensonni ergama nageenya kabachiisuurratti argamatan, raayyaa ittisa waliin dirqama keessaa ba’achaa jirtanii fi yeroof hojiin ala taatan yaa ta’u malee, loltoonni miindaa fi faayidaan garaagaraa keessan eegamee jirtan proppoogaandaa wayyaaneef harka osoo hin laatiin biyya keessan akka tajaajiltan, maatiin keessan akka hin bittinnoofne, faayidaan keessaan akka addaan hin cinne, seenaa gantumma akka hin galmeessinee ni yaadachiifnaa jedha ibsi Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa kun jechuun FBC gabaasera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015