''Sagantaan Afxiiraa daandirraa tokkumma obbolummaa kan cimsuudha''

82

Gobbaa, Ebla 19/2014(TOI) - Sagantaan Afxiiraa daandirraa tokkumma obbolummaa kan cimsuufi yaada kan qabu kan hin qabne waliin qooddatee jiraachuu kan jajjabeessudha.

Kaleessaa mata duree ''Waan qabnu waliin qooddanni daandirratti waliin haa Afxaarru' jedhuun sagantaa Afxiira daandiirraa magaalaa Roobeetti geggeeffameera.

Sagantaa kanarratti kutaawwan hawaasaa hedduun hirmaachuun himameera.

Sirna kanarratti hordoftoota amataa Isilaamaa malees bakka buutoonni hordoftoota amantaa kirirstaanaafi abbootiin mantaa hirmaachuun isaanii tokkummaafi obbolummaa jiru caalaatti kan cimsuu ta'uun himameera.

Itti gaafatamaan dhimmoota Isilaamaa magaalaa Roobee Sheh Raabii Hasan sirna kanarratti ergaa dabarsaniin sagantaan Afxiiraa daandirraa tokkumma obbolummaa kan cimsuufi yaada kan qabu kan hin qabne waliin qooddatee jiraachuu kan jajjabeessudha jedhaniiru.

Walii yaaduufi wal gargaaruun sagantaa kanarratti mul'atees Iida boodas haaluma kanaan akka itti fufuu qabu dhaamaniiru.

Bakka bu'aa amantaa hordooftoota amantaa Ortodoksii ta'uu sirnicharratti kan argaman qees Mangistuu Tufaa akka himanitti, Itoophiyaannoonni yoo wal gargaaraniifi yoo tokkooman tokkummaa biyyaafi guddina biyyaaf gaheen isaan bahaan baay'ee guddadha.

Kan rakkatee gargaruun aadaa Itoophiyaanoota waan ta'eef yeroo ayyaana qofaa osoo hin taane yeroo kaanis haaluma kanaan itti fufuu qaba jedhaniiru.

Kantiibaan magaalaa Roobee obbo Nigaatuu Mootummaa gama isaaniin sirni Afxiira daandiirra magaalichatti geggeeffame aadaa uummanni walgargaruufi walii yaaduu qabu kan ifatti mul'isedha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015