Komishiiniin marii biyyaaleessaa hojii hojjetu boqonnaa 4 tti qoodee raawwachaa jira.

59

Ebla 18/2014(TOI) - Komishiiniin marii biyyaaleessaa Itoophiyaa hojii hojjetu boqonnaa 4 tti qoodee raawwachaa jirachuu beeksise.Komishiinichi hojii haga ammaatti hojjeteefi kan gara fuula duraatti hojjechuuf karoorfate walittiqabdoota koree dhaabbi mana maree bakka bu'oota uummataafi hoggantoota olaanoo mana marichaaf dhiheessera.

Walitti qabaan komishiinii marii biyyaaleessaa Piroofesar Masfiin Ar'ayaa hojii haga ammaatti komishiinichii hojjeteef kan gara fuula duratti hojjechuuf jiru ilaalichisuun gabaa dhiheessaniiru.

Haaluma kanaan komishiiniin marii biyyaaleessa hojiiwwan hojjetu boqonnaa 4 qooduun hojii jalqabuusa beeksisaniiru.Boqonnaawwan kunis Qophii duraa, Qophii, adeemsa mariifi raawwisaa fi bu'aa mariiwwanii hojiirra oolchuudha jedhaniiru.

Piroofesar Masfiin hojii kana keessatti kan hojjetamaniifi kan gara fuula duraatti hojjetaman hubachiisaniiru.

Gabaasa dhihaate kanarrattis waltiiqabdoonni koreen dhaabbii mana maree bakka bu'oota fi hoggantoonni olaanoo mana marichaa yaadaafi kallatti gara fuula duraa ni kennu jedhamee eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015