Ambaasaaddar Malaakuu Laggaasaa Ministira Qonnaa fi misooma baadiyaa Giinii Bisaawu waliin mari'atan.

80

Ebla 18/2014(TOI) - Ambaasaaddar Malaakuu Laggaasaa Ministira Qonnaa fi misooma baadiyaa Giinii Bisaawu Marsiyaanoo Silivaa Barbeeroo waliin daamee qonnaarratti qindoomina waloon haala hojjechuun danda'amurratti mari'atan.

Ambaasaaddar Malaakuun hojii Itoophiyaan midhaan nyaataan of danda'uuf qonnaa fi misooma baadiyaarratti hojjechaa jirturratti ibsa kennaniifiru.

Bu'uurri dinagdee biyyoota lamaanii qonna waan ta'eef muuxannoo wal jijjiruun obbolummaa isaanii cimsuun barbaachisa akka ta'e eeraniiru.

Ministirri Qonnaa fi misooma Baadiyyaa Giinii Bisaawu biyyi isaanii Itoophiyaarra muuxannoo ijaarsa dandeetti qooddachuu akka barbaaddu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015