Jilli obbo Ahimad Shiideen durfamu hoggantoota dhaabbilee Ameerikaa garaagaraa waliin mari’ate

Ebla 17/2014 (TOI)- Jilli Ministira Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen durfamu hoggantoota dhaabbilee Ameerikaa garaagaraa waliin mari’ateera.

Jilichi hoggantoota Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa, Dhaabbata Gargaarsaa Ameerikaa, Ergamaa Addaa Gaanfa Afrikaa fi kanneen biroo waliin marii bu’aa qabeessa taasisuu eerameera.

Marii isaaniin dhimmoota tarsiimoo waloorratti mari’achuu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

Akkasumas Marichi dhimmoota siyaasaa fi misooma diinagdee Ityoophiyaa fi Afrikaarratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015