Ayyaanni Faasikaa yeroo itti aanutti waanti fooyyee qabu ni argama jennee abdii kan itti horanuufi gaarummaan ni mo’ata jennee kan itti amanu jedhan

80

Ebla 16/2014(TOI) - Ayyaanni Faasikaa yeroo itti aanutti waanti fooyyee qabu ni argama jennee abdii kan itti horanuufi gaarummaan ni mo’ata jennee kan itti amanu jedhan Itoohiyaatti, Ambaasaaddarri Raashiyaa Ivigeenii Terekiinii.

Ambaasaaddar Ivigeeniin, hordoftoota amantaa Ortodoksii hundaan baga ayyaana du’aa ka’uu Iyyasuusa Kiristoos nagaan geessan jedhaniiru.

Ayyaanni Faasikaa gammachuufi waantoota gaggaarii haaraa hojjechuuf kan itti jalqabnu, akkasumas namoota rakkatan gargaaruu fi tokkummaa keessatti nagaa fi waliigalteen kan ittiin uumamu ta’uu himaniiru.

Ayyaanni Faasikaa yeroo itti aanutti wanti fooyyee qabu ni argama jennee abdii kan itti horanuufi gaarummaan ni mo’ata jennee kan itti amanu jedhan.

Ayyaannichi hordoftoota amantaa Ortodoksii hundaaf kana nagaa, fayyaa fi gammachuu akka ta’u hawwii qaban ibsuusaanii ragaan Imbaasii Raashiyaa Itoophiyaatti argamu irraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015