Jilli Ministira Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen durfamu, Hundeessaa fi Gargaaraa Dura Taa'aa Faawundeeshinii Biili fi Meeliindaa Geetis waliin mari'atan.

77

Ebla 16/2014(TOI) - Jilli Ministira Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen durfamu, Hundeessaa fi Gargaaraa Dura Taa'aa Faawundeeshinii Biili fi Meeliindaa Geetis waliin mari'atan.

Jilli kun walgahii waggaa Baankii Addunyaa fi Dhaabbata Maallaqa Addunyaa Waashingiteen Diisiitti taa’amaa jiruun cinaatti, qaamoolee kanneen waliin akka mari’ate Ministeerri Maallaqaa beeksiseera.

Mariin isaanii kunis deeggarsa Faawundeeshinichi dameewwan Fayyaa, Qonnaa fi Diijitaalan Itoophiyaatti taasisaa jiru irratti kan xiyyeeffate ta’uun himameera.

Kana malees, jilli kun guyyoottan duras Biritaaniyaatti hogganaa dhimmoota Afrikaa obbo Viikii Foorid waliinis dhimmoota waloo biyyoota lamaanii fi hariiroo dinagdee waloo irratti mari’achuun himameera.

Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shiidee, bulchaan Baankii Biyyaalessaa Dr. Yinnaagar Dassee fi Deetaan Ministira Maallaqaa Dr. Iyyoob Takkaaliny jila kana waliin gara sana imaluun kan yaadatamuudha.

Walgahiin waggaa Baankii Addunyaa fi Dhaabbata Maallaqa Addunyaa guyyoota 6’f taa’amaa tures guyyaa kaleessaa xumurameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015