Baga guyyaa Ayyaana Du'aa Ka'uu Yesuus Kiristoos nagaan geessan jechuun Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shiimallis Abdiisaa ergaa dabarsaniiru.

272

Ebla 15/2014(TOI) - Baga guyyaa Ayyaana Du'aa Ka'uu Yesuus Kiristoos nagaan geessan jechuun Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shiimallis Abdiisaa ergaa dabarsaniiru.

Jijjiiramaafi bu'aa akka biyyaatti arganne tikfachaa qormaatilee jiran irree tokkummaan dandamannee badhaadhina hunda galeessa milkeessuuf hojjennas jedhan Pireezidaanti Shimallis ergaa isaaniin.

Guutuun ergaa isaani kunooti.

Yesuus Kiristoos dhiphina, du'uufi du'aa ka'uu isaa ergamoota isaatti kan hime qabatamaatti amma arganitti abdiifi wal'aansoon garaagaraa isaan mudachuu akka danda'u hubachiisee ture. Guyyaa sadaffaa isaattis du'aa erga ka'ee ergamootaafi duuka bootota isaatti al-tokkoon hin mul'anne.

Sababni isaas, tokko tokko rafanii turan, kaan ammoo du'aa ka'uu isaatti waan hin amanneef bakka awwaalaasaa osoo hin deemin hafan. Irribaafi shakkii isaanii keessaas erga ba'anii waa'ee isaa hunda yaaduu eegalan.

Jijjiiramniifi abdiin naannoofi biyyi keenya qabdus tokko tokkoof sirriitti kan ife ta'us, kaaniif ammayyuu dukkana fakkaatee itti mul'ata.

Dhiphinaafi gufuuwwan har'a mul'atan injifannee badhaadhina biyya keenyaa yeroon itti dhugoomsinu fagoo miti.

Gooftaa Yesuus Kiristoos waliin kan turan dhalachuufi guddachuu isaa, barsiisaafi hojii isaa, dhiphachuufi du'a isaa kan argan, abdii bor jiru ilaaluun obsaan kan deeman baay'eedha. Kaan ammoo qormaata dandamachuu dadhabanii dhiphinaafi rakkoo jiru sodaachuun kan biraa deebi'anis xiqqaa miti.

Maaddii tokkotti waliin soorachaa gaarummaa isaa dagachuun faayidaa xiqqoof kan dabarsee isa kennes hin dhibamne.

Hordoftoonnifi deggertoonni hojii isaa raajjeffatan garuu abdii tokko qabu turan.

Baayinni qormaataa kaayyoo isaarraa akka isa hin ittifne hubatanis, Jimaanni darbee Sanbati xiqqaan gaafa dhufu garuu baay'een abdii kutachuu eegalan. Kiristoos du'aa ni ka'a kan jedhame soba itti fakkaatee ture. Hanga gaafa fannootti ‘Jabaadhu! Jabaadhu!’ jechaa kan turanis duuba deebi'uu eegalan.

Keessa ta'anii diinaaf kan hojjetanis ta'ee garaa duuba kan duukaa deeman faayidaa yeroof jecha diinatti firoomuun isaanii bira gahame.

Har'as kanneen akka Yiwudaa faayidaa dhuunfaafi bu'aa yeroof jecha diinaaf hojjetaniifi walitti dhufeenya ummata keenyaa booressuuf yaalan jiru. Kanneen summii kana ummata keessatti facaasuuf yaalan of keessaa saaxiluun baay'ee barbaachisaadha.

Garummaan Kiristoos irraa baratamus ta'ee duudhaafi jaalalli, obbolummaafi tokkummaan ummataa gocha fixaaleyyii bu'aa ofii galmaan gahuuf fiiganiin akka hin gufanneef hunduu bakka jirutti gahee isaa bahu qaba.

Dabalataanis kanneen akka Yiwudootaafi Roomaanotaa sobaan dhugaa jiru dhoksuuf yaalanis olola sobaan dhugaan awwaalamuu akka hin dandeenye hubachuu qabu. Tokko tokko waggaa sadii guutuu qaamaan Kiristoos duukaa turanis olola sobaan dhugaa jiru dagatan.

Yeroo gammachuufi birmadummaa itti argatan sana irraanfachuun ololaafi rakkoo yeroof jecha abdii bor isaan eeggatu irraa duuba kan deebi'anis baay'eedha. Kaan ammoo dhiphina yeroo murtaa'ee obsuufi dhugaa jiru hubachuun kaayyoo isaanii bira ga'uu danda'aniiru.

Sanbanni xiqqaan amanootaafis ta'ee kaaniif guyyaa addaa ture.

Guyyaa dhiphinaafi kan baay'ee dheerate; Warri Roomaanotaa Isiraaeelotaaf dhumateera jechuu eegalan; Yiwudoonnis akkasuma.

Amantoonni garuu karaa tokkoon jeequmsaafi sodaa, karaa biraa abdii qaban yaaduu eegalan. Amantiin isaanii gara abdiitti akka hin jijjiiramneef jeequmsaafi haala jiru ilaaluun sodaatu. Jeequmsiif haalli jiru akka isaan hin bunneef ammoo amantiin isaanii abdii itti horeera; Bor abdiifi ifa arguu akka danda'an dursanii hubataniiru.

Dhiphinni sanbata xiqqaatti isaan mudate garuu hanga dhumaatti waliin hin turre. Guyyaan du'aa ka'uu Sanbanni guddaan gammachuufi ce'umsa addaa fudhatee dhufe. Dhiphinni, boo'ichi, rakkoofi haalli kaleessaa sun bor itti hin fufu. Bor guyyaa addaati. Kan gammachuu, jijjiiramaafi badhaadhinaati.

Guyyaan dhiphinaa Sanbata xiqqaa ture sun kunoo dagatamee waggaa waggaan guyyaan du'aa ka'uu Yesuus Kiristoos gammachuun kabajamaa jira. Ka'umsiifi badhaadhinni keenyas akkasuma.

Wal'aansoo, gufuuwwaniifi haalota har'a jiran keessa dabarree bora abdii yaanne sana bira ni geenya. Hiyyummaafi haalota nu danqan ofirraa mulqinee akeeka ka'umsa keenyaa ni mikaneeffanna.

Haalli keessa jirru qormaataafi abdiin kan wal make waan ta'eef ummanni naannoo keenyaa rakkoo har'a mul'atuuf osoo harka hin kennin abdii jiru fuulduratti ilaalaa duudhaa walgargaarsaa seenaa keessatti gabbifate fayyadamee waan qabu walii qoodee rakkoo wal baasuu qaba.

Kana gochuunis dhaabaafi dagalee walii ta'ee wal jabeessuun eenyummaasaa kaleessaa irra deebiin mirkaneessuu qaba jechaa ayyaanni kun kan nagaa, gammachuufi jaalalaa akka ta'u hawwii koo ibsa!

Shiimallis Abdiisaa,
Pireezidanti Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Ebla 16 bara 2014
Finfinnee

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015