Doktar Abiy Ahimad godina Waaghimraa magaalaa Saqooxaatti ajaja giddugaleessaa fi hawaasa daawwatan

89

Finfinnee, Eebila 15/2014 (TOI)- Ministirri Muummee FDRI diktar Abiy Ahimad godina Waaghimraa magaalaa Saqooxaatti ajaja giddugaleessaa fi hawaasa daawwataniiru.

Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimadii fi Pireezdaantiin naannoo Amaaraa Dooktar Yiliqaal Kaffalaa bulchiinsa saba Waaghimraatti bakka buutoota hawaasa garaagaraa walii haala waqtaawaarratti mari’ataaniiru.

Maricharratti doktar Abiy dabalatee Daayreektarri tajaajila nageenyaa odeeffannoo biyyoolessaa Jeneraal Tamasgeen Xuruunah, itti aanaan Etaamaajoor Shuumii Raayyaa Ittisa Biyyaa Jeneraal Ababaaw Taaddasaa dabalatee hoggantoonni hojii mootummaa olaanoon federaalaa fi naannolee biroon argamaniiru.

Gaaffiin Haala qabatamaa Bulchiinsa saba Waaghimraatti xiyyeeffatee hirmaattootaan ka’eefis deebii laachuu ragaan waajjira Muummee Ministiraarra argame ni mul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015