Manni Maree Nageenyaa Biyyaalessaa dhimmoota yeroo fi nageenyaa irratti mari’achuun ibsa baase

65

Finfinnee, Eebila 14/2014 (TOI) – Manni Maree Nageenyaa Biyyaalessaa dhimmoota yeroo fi nageenyaa irratti mari’achuun ibsa baaseera.

Itoophiyaan rakkoolee ishee mudatan injifannoon ce’aa har’arra ga’uu ibseera.

Humnoonni Ityoophiyaan akka baddu barbaadan humnoota sadii kan fayyadaman ta’uu ibsichaan eerameera. kan jalqabaa diinota seenaa Ityoophiyaaf rafanii hin bulle ta’uu kaafameera. Diinonni kunneen diinummaan isaanii kan dhaabbatu biyyi Ityoophiyaa jedhamtu addunyaa kanarraa yoo badde qofa ta’uu ibsichi ni eera.

Hawwiin isaanii kun akka milkaa’uuf ergamtoota kan fayyadama ta’uu ibsichi ni eera.

Maallaqaa fi faayidaa dhuunfaa isaaniif jecha lammii isaanii dabarsanii kan gurguran, amantaa biyyi irra kaa’e saantimaan kan jijjiiran guutaniiru.

Kan dubbatan qabatamaan kan hin mul’isne, guyyaa guyyaa dirreerratti waa’ee jaalala uummataa fi tokkummaa biyyaa kan labsan galgala galagala ammoo diina waliin shira xaxuun biyya diiguuf boolla kan qotan ta’uu ibsameera.

Diinni Itoophiyaa sadaffaan osoo hin beekiin deeggartoota qaamolee kanneenii warreen ta’an ta’uu ibsichaan addeeffameera.

Qaamoleen kunneen dhibaa’oo waan ta’aniif bu’aa wanta hojjechaa jiranii osoo hin tilmaamiin miiraan ergama diinaa warreen raawwatan ta’uu eerameera.

Itoophiyaanonni kunneen wanta tokko fudhatanii odeessuu yookaan ammoo wanta jedhaman gochuu fi osoo hin xiinxaliin odeeffannoo itti kenname dabarsuu malee bu’aa inni biyyaa fi uummata isaaniirraan gahu kan hin xiinxalle ta’uu eerameera.

Yoo xiinxalanis miidhaan erga qaqqabeen booda warreen gaabban ta’uu ibsameera.

Itoophiyaan daran kan qoramte warreen kana lameeniin ta’uu fi yeroon isaan hubachuu dhabuun irra deddeebiin gatii baasisaa jiraachuu eerameera.

Haala kanaan hanga yoomiitti gaaffii jedhuuf hundi dhaabbatee itti yaaduu fi deebisuu akka qabu ibsameera.

Guyyaa jijjiiramni dhuferraa eegalee akka biyyaatti hedduu qoramuu fi abdii qabatamee ka’ame akka hin argineef danqaawwan hedduun kaa’amuu eerameera.

Qormaatileen kunneen kan dhufan diinota Ityoophiyaa armaan oliitti eeramani irraa ta’uu addeeffameera.

Jijjiiramichi akka hin milkoofnee fi Itoophiyaan humna cimtuu Afrikaa taatee akka hin baaneef hanga humni isaanii danda’e hojjechuu ibsameera.

Itoophiyaanonni sanyiin walqoqqooduun walitti akka bu’aniif, biyyi diinagdeen akka dadhabduuf, dhaabbileen biyya baatanii turan akka diigamaniif daran hojjechaa turuu eerameera.

Miidiyaa fi namoota meeshaa hidhatanitti gargaaramuun duudhaalee hawaasummaa Itoophiyaa kukutuuf, dhaabbilee amantaa fi hawaasummaa gubuuf, uummata gidduutti jeequmsa kaasuu fi lammiilee boqonnaa dhorkachuun gochoota badii hunda raawwachuu ibsameera.

Gochi badii raawwatan gocha gara jabinaa fi lammiilee kan miidhe ta’us tokkummaa sabdaneessummaa Itoophiyaa fi jaalala cimaa lammiileen Itoophiyaa biyya isaaniif qabaniin galmi diinota Itoophiyaa galma ga’uu dhabuu eerameera.

Jijjiiramaan dura dhaabbilee miidhamni irra ga’e keessatti dhaabbileen seeraa fi nageenyaa kan haammatan ta’uu manni marichaa yaadachiiseera.

Dhaabbileen kunneen ta’e jedhamee akka miidhaman kan taasifaman ta’uu fi kaayyoo diinota Itoophiyaa galmaan ga’uuf ta’uu ibsameera.

Jijjiiramaan booda hojii dhaabbilee kanneen irratti hojjetameen sadarkaa birmadummaa Itoophiyaa baraaruu danda’an irraan gahuun danda’amuu manni marichaa ibseera.

Hanga har’aatti dhaabbilee kanneen cimsuu fi rakkoolee har’aaf deebii akka laatanii fi qormaatilee boruuf qophii akka ta’an taasisuuf jecha rakkoolee hedduu baachuun keessa darbuuf dirqamuu ibsameera.

Yeroo ammaa dhaabbileen nageenyaa sadarkaa gaariirra waan jiraniif yeroo barbaachisaa ta’etti deebii madaalawaa kennuuf duubatti kan hin jenne ta’uu addeeffameera.

Rakkooleen nageenyaan walqabatan karaa waaraa ta’een akka furamaniif deeggarsi qaamolee hedduu fi waldubbisaa waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsichaan kaafameera.

Diinonni kunneen Uummata yoo daheeffatan nageenya fiduuf tattaaffiin qaamolee nageenyaa qofti furmaata kan hin fidne ta’uu ibsameera.

Kanaaf tokkoon tokkoo lammii, dhaabbileen amantaa, jaarsoliin biyyaa, miidiyaaleenii fi kanneen biroon qaamolee nageenyaa waliin qindoominaan hojjechuuf kutannoo qabaachuu manni marichaa yaadachiiseera.

Biyyoota daandii jijjiiramaarra imaluun diimookiraasii ijaaran qormaanni lama kan mudatu ta’uu eeruun, gama tokkoon aadaa diimokiraasii ijaaruu yoo ta’u, gama biraan ammo nageenya biyyaa fi uummataa kabachiisuu ta’uu eereera.

Aadaa diimokiraasii ijaaruuf wayita ka’amu tarkaanfiiwwan nageenya uummataa kabachiisuuf fudhataman maqaa bilisummaa fi mirgaan akka hin laafnee fi aadaan diimokiraasii akka hin quucarreef madaala eeganii socho’uun barbaachisaa ta’uu manni marichaa yaadachiiseera.

Madaala isaa haala eegeen raawwachuuf tokkoon tokkoo lammii, dhaabbanni, paartii, garee, ga’eesaa ba’achuu akka qabu eerameera.

Dhaabbileen seeraa fi nageenyaas itti gaafatamummaa heeraa fi seenaa ba’achuu akka qaban kaafameera.

Namoota dhuunfaa fi gareewwan uummata walitti buusan, odeeffannoo sobaa tamsaasuun nageenya biyyaa fi uummataa warreen booressan, gareewwan karaa seeraan alaa hidhatanii nageenya uummataa jeeqanii fi diinota Ityoophiyaaf warreen ergaman, weerara lafaa fi gochoota hannaa garaagaraarratti warreen bobba’an, warreen geejjibaa fi sosochii uummataa danqan, warreen hojiilee invastimantii fi misoomaa gufachiisan, qorannoo fi odeeffannoon adda baasuun tarkaanfiin seeraa akka irratti fudhatamuuf manni marichaa murteesseera.

Bifuma walfakkaatuun gatiin nyaataa fi meeshaalee bu’uuraa akka dabaluuf oomishaalee karaa seraan alaa kuusan, bifa koontiroobaandiin boba’aa fi oomishaalee biroo gara biyyoota ollaatti dabarsan irratti tarkaanfiin barbaachisu kan fudhatamu ta’uu manni marichaa akeekkachiiseera.

Maatiin ijoollee isaanii, jaarsoliin biyyaa dargaggoota, abbootiin amantaa hordoftoota isaanii, paartileen siyaasaa miseensotasaanii, gaggeessitoonni gosaa lammiilee isaanii gorsuun Ityoophiyaanonni hundi walitti bu’iinsaa fi jeequmsarraa fagaatee nageenyaa biyyaatiif ga’ee irraa eegamu akka ba’atu manni marichaa waamicha dabarseera.

Nama, qaamaa fi garee kamiyyuu faallaa kanaa hiriiree argamerratti hojiin nageenya kabachiisuu kan hojjetamu ta’uu manni marichaa beeksiseera.

Guyyoottan dhufan uummata kiristaanaafis ta’e musiliimaaf tibba ayyaanaa waan ta’eef amantoonni waltumsuu fi walii galuun fedhii diinota Ityoophiyaa fashaleessuunii fi nageenya waloo mirkaneessuun guyyoonni kunneen milkaa’inaan darbaniif manni marichaa waamicha dabarseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015