Ameerikaan Itoophiyaaf deeggarsa namoomaa dabalataa Doolaara miiliyoona 313 taasifte

50

Finfinnee, Eebila 14/2014 (TOI) – Ameerikaan Itoophiyaaf deeggarsa namoomaa dabalataa lammiilee kaaba Ityoophiyaatti sababa waraanaan miidhamaniif oolu Doolaara miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 13tti siqu taasisuu beeksifte.

Deeggarsichi gama dhaabbata gargaarsaa Ameerikaa USAID naannolee Amaaraa, Afaar fi Tigraayyitti lammiilee waraanaan miidhamaniif kan oolu ta’uu ibsameera.

Deeggarsichi lammiilee deeggarsa ariifachiisaa barbaadan baraaruuf, kenniinsa tajaajila dhaabbilee fayyaa fooyyessuuf, dhibeewwan daddarboo ittisuuf, miidhaa koorniyaa fi rakkoolee xiinsammuurra ga’an hir’isuu kan dandeessisu ta’uu eerameera.

Ameerikaan lammiilee Ityoophiyaa rakkoo keessa jiran deeggaruuf kutannoo qabachuu fi deeggarsi dhaabbileen deeggarsa namoomaa naannolee Amaaraa, Tigraay fi Affaaritti lammiilee rakkoo keessa jiraniif taasisan cimee itti fufuu ibsameera.

Ameerikaan kaaba Ityoophiyaatti yeroo waraanni eegale irraa kaastee hanga ammaatti deeggarsa namoomaa Doolaara miiliyoona dhibba 9 fi miiliyoona 95tti tilmaamamu taasisuu USAID ibsa dhimmicharratti baaseen eereera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015