Pireezdaant Saahilawarq lammiilee harka qalleeyyiif deeggarsa taasiisan

56

Finfinnee, Eebila 13, 2014 (TOI) – Pireezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen Ayyaanaa Faaskaa sababeeffachuun lammiilee harka qalleeyyii kutaa magaalaa Araadaa keessa jiraatan 300f deeggarsa taasisaniiru jedhame.

Hawaasni hundi lammiilee harka qalleeyyii garaagaaruuf qooda isaanii akka ba’an Pireezdaant Saahilawarq waamicha dhiyeessaniiru.

Lammiilee qa’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’uun rakkoof saaxilaman deebisanii dhaabuuf hojjetamuu akka qabu hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015