Namtichi baala sammuu namaa hadoochu shaanxaa keessatti dhoksee daddabarsuuf yaale to’atame.

112

Eebla 12/2014(TOI) - Namtichi baala sammuu namaa hadoochu shaanxaa keessatti dhoksee daddabarsuuf yaale to’atame.

Shakkamaan kun baala sammuu namaa hadoochu Birrii miiliyoona 2 fi kuma 500tti tilmaamau baala shayiin maree shaanxaa keessa kaa’uun dabarsuuf qophiirra osoo jiruu, hordoffii Tajaajilli Nageenya odeeffannoo Biyyaalessaa taasiseen kutaa bulchiinsa magaalaa Eekkaa iddoo adda Laambarat jedhamee beekamutti to’annaa jala ooluusaa Komishiniin Poolisii Magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Shakkaman kun baala sammuu namaa hadhoochu kana geejjiba uummataan gara Naannoo Amaaraa Magaalaa Gondar geessuuf karoorfatee akka tures himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015