Hojiin Itoophiyaan oomisha Qamadii biyya alaa galu kan biyya keessaan bakka buusuuf hojjechaa jirtu kallattii sirriidha jedhame.

74

Eebla 12/2014(TOI) - Hojiin Itoophiyaan oomisha Qamadii biyya alaa galu kan biyya keessaan bakka buusuuf hojjechaa jirtu kallattii sirriifi milkaa'inaan kan geesisuu ta'uu jiddugalli foyyeessa Boqqolloo fi Qamadii idil addunyaa beeksise.

Daarekatarri jiddigalichaa Baqqalaa Abeyyoo akka TOI tti himanitti, Itoophiyaan Qamadii biyya alaatii galchitu oomisha biyya keessaan bakka buusuuf hojii heddu hojjechaa jirti.

Kanaafis mala qonna kilaasteeraan hojiiwwan misooma jallisii hojjechaa jiraachuun yaadachiisuun biyyatti kallatti hojii qonnaa sirriirra jiraachuu agarsiisa jedhaniiru.Itoophiyaan oomishaa Qamadiif kan oolu lafaafi bishaanii qabdi.

Mootummaan kana karaa sirriin yoo itti fayyadame hojii milkaa'aa hojjechuu danda'as jedhaniiru.Hojii amma oomisha Qamadiirratti muli'achaa jirus caalaatti babali'isuu yoo dandeesse immoo yeroo gabaabaatti nyaataan of danda'uu karoora jedhus galmaan gahuu dandeessi jedhaniiru.

Kana bira darbuunis oomishinni gabaa alaatiif dhihaatus jiraachuu danda'a jedhaniiru.Kana milkeessuuf ammas mootummaan caalaatti xiyyeeffannoo hojjechuu akka qabus himaniiru.

Keessattu qonnaan bultootaaf gatii madaalawaan xaa'oo dhiheessuu akka qabu himaniiru.Qonnaan bultoota tekinolojiiwwan fooyya'oo dhiheessuun cinaatti qoratoonni haala qabatamaafi qilleensa waliin kan deeman qopheesuun keessatti gahee isaanii bahuu qabus jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015