Faawundeeshiniichi misoomaa Itoophiyaa keessatti hojjechaa jiru akkaataa cimsuun danda’amurratti mari’atame.

65

Eebla 11/2014(TOI) - Faawundeeshinii Biilifi Meeliindaa Geetisitti, Misooma Vizhiniin Giloobaal, hojiiwwan misoomaa Itoophiyaa keessatti hojjachaa jiru akkaataa cimsuun danda’amurratti Itti aanaa Ministira Muummee fi Ministirri Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniiniifi Pireezidaantiin Misooma Vizhinii Giloobaal Kiriisstoofar Eliyaas waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin obbo Dammaqaan, faawuundeeshinichi waggoota darbanitti Itoophiyaa keessatti hojiiwwan misoomaa raawwataa tureen, hojii qabatamaa agarsiisuun aantummaa misoomaaf qabuu mul’iseera jedhan.

Wayita ammaas keessattu dameewwan barnootaa, fayyaafi qonnaan gaheen bahaa jiruu dinqisifachuun, dameewwan kanneen foyyeessuuf Mootummaan xiyyeeffannaa itti kenne hojjachaa jiraachuu himuusaanii Waajjirri Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaa beeksiseera.

Obbo Kiriistoofar Eliyaas gama isaaniin, faawuundeeshinichi Itoophiyaa keessatti dameewwan misoomaa ijoo tahan irratti deeggarsa taasisaa jiru cimse akka itti fufuu beeksisuusaani ragaan Waajjirri Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa arganne ni mul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015