Naannoo Uummatoota Kibba lixaa Itoophiyaatti ayyaana Faaskaa karaa nagaa akka kabajamuuf qophiin taasifameera jedhame.

78

Eebla 11/20149TOI) - Ayyaana guyyaa du'aa ka'uu Yaasuu Kiristoos bara kanaa karaa nagaan akka kabajamuuf qophiin ga'aan taasisfamuu Komishiiniin Poolisii Naannoo Uummatoota Kibba lixa Itoophiyaa beeksise.

Hogganaan damee ittisa yakkaa fi Tiraafikaa Komishinichaa gargaraa Komishiineer Balaayinee Baqqalee akka TOI tti himanitti, guyyaan du'aa ka'uu Yesuus kiristoos ayyaanoota hawaasni amantaa Kiristaanaa horduf bifa o'aan kabaju keessa isa tokkodha.

Naannichaatti godinalee jahanuutti humnoonni nageenyaa qindoominaan hojjechuun karaa nagaa kabajamee akka xumuramu qophiin gahaan taasifamuu himaniiru.

Sochiin konkolataa ayyaanicha waliin wal qabatee waan baay'atuuf balaan tiraafika akka hin mudanneef poolisoonni Tiraafikaa bobbafamuus himaniiru.

Hawaasnis naannoo isaatti waantoota rakkoo nageenyaa uumuu danda'an shakkisiisoo yoo arge humnoota nageenyaa naannoo isaa jiranitti eeruu kennuun akka deeggarsa taasisu gaafataniiru.

Gargaaraa Komishineera Balaahinee Baqqalaa akka himanitti yeroo ayyaana kana gabaa keessaatti maallaqa sobaan nama gowwoomsuu fi oomishalee gabaadha bitamanitti waantoota hin barbaachifne dabaluun kanneen gurguran jiraachuu waan malaniif ofeeggannoo gochuun barbaachisa ta'uus himaniiru.

Yeroo ayyaana yeroo baay'ee oomishaalee akka Dhadhaa, Barbaree fi Baaduutti waantoota hin barbaachifne dabaluun waan jiruuf hawaasni yeroo oomishaalee kanneen bitu ofeeggannoo cimaa gochuu akka qabu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015