Ogeeyyii Fayyaa kuma kudhaniif manni jireenya ijaaramuuf - ENA Afaan Oromoo
Ogeeyyii Fayyaa kuma kudhaniif manni jireenya ijaaramuuf
Eebla 10/2014(TOI) - Ogeeyyii Fayyaa kuma kudhaniif mana jireenyaa ijaaree kennuuf qophiin barbaachisu taasifamaa jiraachuu Ministeerri Fayyaa beeksise.
Ministeerichi manneen jireenya kana ijaaree ogeeyyii fayyaaf kennuuf haala dandeesisu irratti Waldaa dhuunfaa Goojjoo Biriij Hawusiing jedhamu waliin mari'ateera.
Deetaan ministira Fayyaa doktar Ayyalee Tashoomee akka jedhaniitti gaaffiin mana jireenyaa ogeeyyii fayyaa biyyaatti kan yeroo dheeraa turedha.
Sagantaan ijaarsa manaa kun rakkoo mana jireenya ogeeyyii fayyaa kan furuufi gaaffii isaanii kan bara dheeraa kan deebisu ta'uus himaniiru.
Sagantaa kanaan qusaanna xiqqaan ogeeyyiin fayyaaf mana jireenyaa ijaaruun abbootii manaa kan taaasisuufi fayyadamoo akka ta'an kan taasisudha jedhaniiru.
Waldaa dhuunfaa Goojjo biriij haawusitti hoji geggeessan olaanaa Alimaawu Gaarii gama isaaniin akka jedhanitti, ijaarsi manneenii kun gatii madaalawaafi sadarkaa tekinolojiin ijaarsa manaa yeroo ammaa irra jiruun mana ammaayyaatu ijaarama jedhaniiru.
Haaluma kanaan dhaabbitichi manneen jireenyaa kuma 100 magaalaa Finfinneetti ijaaruuf karoorse keessaa manneen jireenyaa kuma 10 ogeeyyii fayyaaf waggaa shan keessaatti ijaaree xumuruuf karoorsuu himaniiru.
Karoorri kunis akka waliigalaatti rakkoo mana jireenya magaalicha keessa jiru salphisuu keessaatti gahee kan qabu ta'uu himaniiru.