Gabaan Dilbataa magaalaa Finfinneetti iddoowwan 50 irratti babal'ateera-Aadde Adaanach

75

Gabaan Dilbataa magaalaa Finfinneetti iddoowwan 50 irratti babal'ateera-Aadde Adaanach

Finfinnee, Eebila 9, 2014 (TOI) – Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee gabaan Dilbataa Magaalaa Finfinneetti iddoowwan 50 irratti babal'ateera jechuun ibsaniiru.

Aadde Adaanach Fuula Miidiya hawaasa isaaniin akka ibsanitti, dabalinsa gatii amma jiru tasgabbeessuu fi keessattuu kutaalee hawaasaa galii gadi aanaa qabaniif dhiibbaa jireenyaa hir'isuu keessatti shoora olaanaa taphachuutti argama jedhan.

Dhiyeessii dabaluu fi bal'isuun caalaatti gara uummataatti akka dhiyaatuuf xiyyeeffannoo hojjetama jira jedhaniiru.

Kutaalee magaalaa hundatti gabaan Dilbataa akka babal'atuu fi akka baratamuuf kan haala mijeessitan, kan gaggeessitan hoggantoonni sadarkaa sadarkaan jirtanii fi dhiyeessitoonni galatooma jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015