"Wayita Soomaa lammiilee sababa waraanaafi balaa uumamaan miidhaan irra gahee deeggaruun dabarsuu barbaachisaa"

66

Eebla 09/2014(TOI) – Wayita Soomaa lammiilee sababa waraanaafi balaa uumamaan miidhaan irra gahee deeggaruun dabarsuu barbaachisaa jedhan Pireezidaanti Saahilawarqi Zawdee.

Pireezidaanti Saahilawarqi Zawdee bakka argamanitti, sagantaan Ifxaaraa Masaraa Mootummaatti gaggeeffameera.

Sagantaa Ifxaaraa kanarratti Pireezidaantiin Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Muftii Hajii Umar, Itti Aanaan Mana Marichaa Dr. Jayilaani Kadiir, abootii amantaafi hordoftoonni amantichaa argamaniru.

Pireezidaanti Saahilawarqi Zawdee, sagantaan Ifxaaraa Masaraa Mootummaatti gaggeeffame tokkuummaafi wal kabajuu lammiilee Itiyoophiyaa agarsiisa jedhan.

Pireezidaantiin Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Muftii Hajii Umar kanaan dura sagnataa akka kanaa Masaraa Mootummaa keessaatti raawwachuun kan hin yaadamne ta’uu yaadachisuun, sagantaan Ifxaaraa kun addaa jedhan.

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ji’a Ramadaana ilaalchisuun lammiileen Itiyoophiyaa guutummaa addunyatti argaman bu’uura waamicha “ Iidaa hanga Iidaa” jedhun dhiyeessuun hordoftoonni amanticha ayyaanicha biyya isaaniitti akka kabajan qophiin barbaachisaa taasifamaa jiraachuun ni beekama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015