Gaanfa Afrikaatti nagaafi tasgabbii fiduuf biyyoon waliin hojjechuu qabu.

55

Eebila 8/2014(TOI) - Afrikaa Bahaatti nagaafi tasgabbii waaraa fiduuf biyyoonni qaxanaa kanaa qindoominaan hojjechuu akka qaban Raayyaa Ittisa Biyyaatti hogganaan Qajeelchaa fi odeeffannoofi Letenaal Jeneraal Biraanuu Baqqalaa himan.

Fooramiin Intelejensii Raayyaa Ittisaa Afriikaa Bahaa Magaalaa Finfinneetti taa'amaa jira.

Fooramii kanarratti qooda fudhachaa kan jiran Itoophiyaa,Jibuutii,Somaaliyaa,Sudaan Kibbaa,Sudaan, Yugaandaa fi Taanzaaniyaa dha.

Foramii kanaan Rakkoon nageenyaa fi tasgabbii qaxanaa kanaa karaa waaraa furuuf haala qabatamaa jiru qorachuufi kallaatti furmaata kaa'asi jedhameera.

Raayyaa Ittisa Biyyaatti hogganaan qajeelchafi odeeffannoo letenaal jeneraal Biraanuu Baqqalaa akka himanitti qaxanichi Alshabaab,ISIS fi shororkeesstootta sadarkaa idil addunyaatti jiran hedduun qoramaa jira.

Halleella Keeniyaa jiddugala gabaa Weestigeetiifi Somaaliyaatti haleella tapha kubbaa miillaarratti raawwatamees akka fakkenyaatti eeraniiru.

Itoophiyatti gareen shororkeessaa ABUT fi Shanee jireenyaa uummata miidhaa kan jiran ta'uu eeraniiru.

Haleellaa Shorokeessitoonni raawwattaan dursee kan miidhu lammilee nagaa waan ta'eef qindoomninaan tokko taanee irratti haa hojjennu jedhaniiru.

Kaayyoon Foramii kanaas walitti dhufeenya biyyoota qaxanaa kanaa cimsuun nageenya fi tasgabbii waaraa buusuudha jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015