"Naannoo Amaaraatti tattaaffii guddaa homishtummaa qamadii dabaluuf taasifamaa jiru nan dinqisiifadha"

83

Finfinnee, Eebila 7/2014(TO)- Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad naannoo Amaaraa misooma qamadii jallisii boonaan misoome daawwataniiru.

Doktar Abiy ergaa karaa miidiyaa hawaasummaa isaanii dabarsaniin ''Naannoo Amaaraatti tattaaffii guddaa homishtummaa qamadii dabaluuf taasifamaa jiru nan dinqisiifadha.

Guutummaa Naannichaatti lafti hektaarri 41,000 misoomaa kan jiru yoo ta'u, Godina Shawaa Kaabaa qofatti homishni hektaara 2,800 irratti mul'atu abdachiisaadha.

Adeemsi qonnaa kilaasterii keenyaa wabii nyaataafi misooma biyyaaftiif tokkummaadhaan maal milkeessuu akka dandeenyu kan agarsiisudha.'' jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015