Bara oomishaa 2014/15tti lafa heekatara miiliyoona 2.6 Kilaasteraan oomisha gabaan barbaadu misoomsuuf karoorfameera.

90

Eebila 06/2014(TOI) - Bara oomishaa 2014/15tti lafa heekatara miiliyoona 2.6 Kilaasteraan oomisha gabaan barbaadu misoomsuuf karoorfamuu Instiitiyutiin Tiraansifoormeeshinii Qonna Itoophiyaa beeksise.

Hojii kanaan qonnaan bultoota miiliyoona 1.9 fayyadamoo taasisuuf karoorfamuus himameera.

Instiitiyutiin Tiraansifoormeeshinii Qonna Itoophiyaatti daarektarri Kilaastera komershalaayizeeshinii Qonnaa obbo Tacaanee Addunyaa akka jedhanitti Oomisha qonnaa gabaan barbaadu kilaasteeraan oomishuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhaniiru.

Qonni kilaastaraan qotamuu oomishitummaa qonnaan bulaa ni dabala. Walaitti hidhamnisa gabaa uumuun qonnaan bulaan oomishaa mala kanaan oomesherra bu'aa caalaa akka argatuuf gargaaru ta'uus himaniiru.

Haala kaan bakka tokko tokkootti oomisha bu'aa irratti xiyyeeffate oomishuun mikaa'inni gaariins akka argame himaniiru.

Mala qonnaa kanaan lafa heekatara 30 irraa Qamadii kumtaala 45, lafa heektar 40 irraa booqqolloo kumtaala 60 oomishuun akka da'amee himaniiru.

Instiitiyutichii Pirojeetii mala qonnaa kana hojiirra oolchuuf qopheeffateen waggaa shan keessaatti qonnaan bultoota miiliyoona 4 fayyadamoo taasisuuf karoorfatee hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Hojiin kun erga jalqabamees waggaa lama lakkoofsisuu himaniiru.

Bara darbe lafa heekatara miiliyoona 2.2 mala qonnaan kanaan misoomsuu kan himan obbo Tacaaneen bara oomishaa 2014/15 kanatti immoo lafa heekatara miiliyoona 2.6 misoomsuuf karoorfamuu himaniiru.

Mala qonnaa kanaan Midhaan, kuduraafi muduraa addaa addaa dabalatee waliigalaan gosa oomishaa gabaa jiddugala godhatan 10 ol oomishuuf hojetamaa jiraachuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015