Jarman Itoophiyaatti guddina damee dhuunfaaf piroojektii Yuuroo miiliyoona 25 ifoomsite.

82

Finfinnee, Eebila 5, 2014 (TOI)- Jarmaan Itoophiyaatti guddina damee dhuunfaaf kan oolu Piroojektii Yuuroo miiliyoona 25 ifoomsite.

Sirni piroojetii kana jalqabsiisuu magaalaa Finfinneetti geggeefama jira.Piroojektichi Ministeera Misooma Indastirii fi Tumsaa Dhaabbata Misooma Idil addunyaa Jarmaan (JIZ) kan qophaa’ee yoo ta’u, waggoota afuriif kan turuu baatii Eebilarraa eegalee hojiitti hiikkama jedhameera.

Ministir Deetaan Ministeera Indaastirii Shiisammaa Gabrasillaasee, dameen dhuunfaa hiyyumma hir’isuu fi guddina ariifachiisaa galmeessisuu fi hojii dhabdummaa hir’isuuf qooda mataa isaa qabaachuu eeraniiru.

Ministeerri indaastiriis guddina damee dhuunfaaf hojiiwwan adda addaa hojjetaa jiraachuu ibsaniiru.

Keessattuu guddina damee oomishaa indaastirii fi dorgomtummaasaa fooyyeessuuf hojjetaa jira jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015