Dureessi tokko lammilee sababa hongeen miidhamaniif deeggarsa miidhaan nyaataa kumtaala 220 taasisan.

101

Ebla 4/2014(TOI) - Dureessi obbo Araggaa Ayyenoo jedhaman godina Baalee aanaa Dallo mannaatti lammilee sababa hongeen miidhamaaniif midhaan kumtaala 220 kan gatiin isaa birrii kuma 600 baasu deeggarsa taasisan.

Dureesichi deeggarsa kana dabarsanii yeroo kennaan akka dubbataniitti deeggarsi kun lammileen sababa hongeen miidhaman kunneen caalaatti akka hin miidhaamnef hojii hojjetamu deeggaruuf yaadanii kan taasisan ta'uu himaniiru.

Gara fuula duraattis deeggarsa kana hanga danda'ameetti taasisuu kan itti fufan ta'uu himaniiru.

Deeggarsa kanas obbo Araggaa irraa kan fuudhan bulchaan aanaa Dalloo Mammaa obbo Mahaammad Awwal sababa hanqina roobaan hongeen mudate lammileerraan miidhaa guddaa akka hin geenye hojjetamaa jira jedhaniiru.

Deeggarsa karaa Seeftineetiin idileen taasafamuun cinaatti bakkeewwan adda addaarra uummanni biyyaattifi dhaabbileen garaa garaa deeggarsa midhaaniifi nyaata beelladaa taasisaa jiru.Deeggarsa dureessi obbo Araggaa taasisaniifis obbo Mahaammad galateeffataniiru.

Godina Baaleetti aanaaleen 6 sababa hanqina roobaatiin horsiifate bultoonnifi beelladoonni isaanii hongeen miidhamuu ragaan waajjira ittisa sodaa balaa godinicharra argame ni muli'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015