Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoonni 108 ol to’atamuun himame.

70

Finfinnee, Eebila 3/2014 (TOI) – Torban darbe meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoonni 108 fi kumni 214 ol baasu jedhamanii tilmamaan to’atamuun himameera.

Meeshaaleen kun dameewwan gumurukaa adda addaatti kan to'ataman yoo ta'uu, kanneen to'atama kana keessaas meeshaalee alaa galan kan Birrii miiliyoona 99 fi kuma 386 tilmaamamanii fi meeshaaleen al-ergii Birrii miiliyoona 8 fi kuma dhibba 8tti kan baasaan ta'uun himameera.

Meeshaaleen kontiroobaandii kunneen qindoomina hojjettoota gumruukaa, poolisii federaalaa fi naannolee akkasumas hawaasaan to’atamuu ibsameera.Namoonni meeshaalee kanneen daddabarsaa turan 11 to’atamuu eerameera.

Meeshaaleen kontiroobaandii kunneen uffataalee, boba’aa, horii dhaabbii, meeshaalee elektrooniksii, buna, baala sammuu nama hadoochuu, meeshaalee waraanaa, meeshaalee miidhaginaa fi maallaqoota biyyoota garaagaraa ta’uu ragaan Komishinii Gumruukaarraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015