Naannolee Oromiyaafi Somaaleetti hongee fi weerarri Awwaannisa yaaddoo ta'uu himame.

113

Ebla 03/2014(TOI) - Naannolee Oromiyaafi Somaaleetti hongee fi weerarri Awwaannisa yaaddoo ta'uu himame.

Rooba tibbana roobee itti fufiinsaan roobuu dhabuu isaa hordoofee weerarri Awwaannisaa naannawaa tokko tokkootti mudachuu himameera.

Hogganaan Buusaa Gonofaa Oromiyaa, Obbo Musxafaa Kadiir akka jedhnaitti, hongeen mudate dandamachuuf hojiin hojjetamaa jiru akkuma jirutti ta’ee roobaa tibbana roobee hordoofee weerarri Hoomaa Awwaannisa Godina Booranaa Aanaa Taltalleetti mudate rakkicha daraan walxaxaa taasisuu danda’a jedhan.

Weerarri Hoomaa Awwaannisaa kun rakkichi daraan akka hin hammeessine deeggarsi mootummaafi miti mootummaa cimee itti fufuu qabaa dhaaman.

Weerarri Awwaanniisaa kun roobaa tibbaanaa roobeen marga marge balleessuu waan danda’uuf amummaan of eeggannoo gochuun barbaachisa jedhan.

Komiishinarri itti aanaa Soda balaa Naannoo Somaalee, Obbo Abdulfattaa Mohaammad gama isaaniin roobaa tibbana roobee hordoofee weerarri Hoomaa Awwaannisa Godina Booranaa Aanaa Taltalleetti mudate naannoo Somaaleettis yaaddoo ta’uu himaniiru.

Kanaaf hojiin ittisaa ammarraa eegalee hojjetamuu qaba jedhan.@DHPI

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015