''Oomishni Avokaadoo waggaa lama dura eegale bu'a qabeessa ta’aa jira''

84

Ebla 03/2014(TOI) - Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad Oomishni Avokaadoo waggaa lama dura eegale bu'a qabeessa ta’aa jira jedhan.

Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad, karaa miidiyaa hawaasummaasaniin ergaa dabarsaniin midhaan nyaataan of danda'uuf akkuma misooma qamadiirratti hojjenne, oomisha kuduraafi muduraarrattis humna keenya cimsuun jabbaanee hojjechuu qabna jedhaniiru.

Oomishni Avokaadoo yeroo gabaabaa keessatti oomisha bunaan qixa gabaa alaa keessatti dorgomaa ta'uu akka danda'us doktar Abiy himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015