Waajjirri Olaanaa Poolisii Federaalaa daaw’atame

119

Ebla 2/2014(TOI) - Hoggantoonni Olaanoon Mootummaa Federaalaafi Naannoolee Waajjira Olaanaa Poolisii Federaalaa daaw’atan.

Af-Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyawu Tashaagariifi Af-Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasaa Caafoo akkasumas, Pirezidaantoonni Naannoolee, Af-Yaa’oonni, Ministiroota dabaaltee Hoggantoonni olaanoo Mootummaafi Hoggantoonni Paartii Badhaadhinaa Waajjira Olaanaa Poolisii Federaalaa daaw’ataniiru.

Hoggantoonni olaanoo kunneen haaromsa gamoo dhaabbatichaa, konkolaataawwan ammayya’aa, walqunnamsiistuuwwan raadiyoo dijitaalaa, kaameeraawwan nageenyaafi meeshaalee teknooloojii kan biroo daaw’ataniiru.

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Bitootessa 17 bara 2014 dhaabbaticha daaw’achuunsaanii kan yaadatamudha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015