'Biyyoonni deeggartoonni deeggarsa namoomaa Itoophiyaaf kennnan dachaan dabalu qabu’

85

Ebla 01/2014(TOI) - Itoophiyaatti lakkoofsi namoota deeggarsa barbaadanii waan dabaleef biyyoonni deeggarsa kennan dachaan akka dabalan Sagantaan Nyaataa Addunyaa waamicha dhiyeesse.

Itoophiyaatti Bakka Bu’aan Dhaabbaticha Meetaaki Maajii, waraana Kaaba Itoophiyaa tureeniifi hongee naannoolee Oromiyaafi Soomaaleetti muudateen hordofee namoota hedduuf deeggarsi namoomaa akka barbaachisu himan.

Lammiilee Itoophiyaa sababa hongeeniifi waraanaan miidhaman miiliyoona 11 oliifi godaantoota biyyoota adda addaa kuma 700 ol yeroo ammaa deeggarsi namoomaa isaan barbaachisaa jedhan.

Sagantaan Nyaata Addunyaa lammiilee miidhaman kanneen deeggarsa kennuuf Doolaaraa miiliyoona 600 ol barbaachisaa jedheera.

Sababa dabaluu lakkoofsa deeggaramtootaan Sagantaan Nyaata Addunyaa naannoo Soomaaleetti tokkoon tokkoon deeggaramtootaaf deeggarsa kennamaa kan ture kiiloo giraama 15 ji’aan kennamu gara kiiloo giraama 12’ti hir’ifamun himame.

Sagantaan Nyaata Addunyaa lammiilee sababa waraanaan miidhaman godinoota naannoolee Amaaraafi Affaar keessatti miidhaman irratti qorannoo wabii nyaataa taasiseen namoonni naannawicha jiraatan harka 98 ta’an rakkoo wabii nyaata olaanaaf saaxilamu mirkaneesseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015