''Odeeffannoon “Maallaqa biyya alaa sakkata’insaan to’annoo jala olee Poolisiin maallaqicha haa fudhatu” jedhu soba''

171

Ebla, 01/2014(TOI) – Odeeffannoon “Maallaqa biyya alaa sakkata’insaan to’annoo jala olee Poolisiin maallaqicha haa fudhatu” jedhu soba ta’uu Ministeerri Haqaa beeksise.

Maallaqa biyya alaa sakkata’insaan to’annoo jala oolee, poolisiin yookiin qaamni biraa maallaqicha haa fudhatuu odeeffannoon jedhu soba ta’uu Ministeerri Haqaa beeksiseera.

Namoonni karaa seeraan alaa Doolaaraa Ameerikaa 100 gadi waliin argame maallaqicha mootummaaf galiiakka tahu yakkichaan garuu itti gaafatamaa akka hin taane hojiimaanni taasisuu diriirfameera jedhameera.

Seerri adabbii yakkaa bara 1996 bahee keeyyanni 346 irratti maallaqa biyya alaan daldaluun yakka akka tumameera.

Labsii hundeeffama Baankii Biyyaaleessaa foyya’ee lakk. 591/2000 qajeelfamoonni bahan namni dhuunfaa kamiyyuu maallaqa biyyoota alaa karaa seeraan alaa waliin argaman itti gaafatamaa ta’uu jedha.

Maallaqa biyyoota alaan daldaluu, fudhachuu, kennuu, kaffaltii raawwachuu, liqeessuu, liqaa kennuu dabalatee bittaafi gurgurtaa adda addaa raawwachuun seeraan kan dhorkamedha.

Ministeera Haqaatti Daarektarri Itti Aantuun Dhimmoota Yakkaa Damee Diinagdee Abbaa Alaanga Waliigalaa Hannaa Tahilquu, maallaqani yakkaan to’atame mootummaaf galii ta’uus, nama yakka raawwate hidhaan kan adabamuu ta’uu himan.

Haala amma jirun Doolaara Ameerikaa 1 irraa eegalee maallaqa biyyoota alaa muraasni namoota dhuunfaa biratti mul’achaa jira jedhan.

Namoota kanneen irratti himata banuuf seerri daangeessuu jiraachuu baatus tarkaanfii bulchiinsaan deebin kennamaa jira jedhan.

Bu’uura qajeelfama Baankii Biyyaaleessaa lakkoofsa FXD/492017 keeyyata -3’n namni jiraataa biyya keessaa ta’ee wayita gara biyyaa keessaa galu Komishinii Gumurukaaf guyyaa beeksise irraa eegalee guyyoota 30 keessatti baankiiwwanitti yookiin dhaabbilee tajaajila sharafa alaa seera qabeessaa akka kennan heyyamameef biraatti dhiyaachuun jijjirachuu qabuus jedhaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015