Raawwiin Hojii Paartii Badhaadhinaa fi Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Kurmaana Sadan darbanii Adaamaatti qoratamaa jira.

206

Bitootessa 30/2014(TOI) - Raawwiin Hojii Paartii Badhaadhinaa fi Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Kurmaana Sadan darbanii Adaamaatti qoratamaa jira.

Waltajjii qorannoo raawwii hojii kanarratti Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Hogganaan Paartii Badhaadhinaa damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaafi miseensonni Paartichaa sadarkaan jiran hirmaataa jiru.

Qorannoo Raawwii hojii kanaan booda dhimmoota raawwii hojii kurmaana sadan darban keessatti raawwii gadaanaa fi hanqina jedhamuun adda ba'an furuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta'u Pireezidaant Shimalliis himaniru.

Rakkoo kenna tajaajilaa,nageenyaa fi hannaa Ummanni waltajjii gara garaarratti akka komiitti kaasu furuuf, yeroo itti xiyyeeffannoon hojjetamu ta'u qabas jedhan.

Hanqinaa fi ciminni raawwii hojii kanarratti ka'u qophii karoora bara 2015f galtee ta'as jedhan, Pireezidaant Shimallis.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015