Dhaabbileen Amantaa duudhaalee waliin jireenyaafi nageenyaa caalaatti cimsuuf gamtaan hojjechuu akka qaban waamichi dhiyaate.

94

Bitootessa 29/2014(TOI) - Dhaabbileen Amantaa duudhaalee waliin jireenyaafi nageenyaa caalaatti cimsuuf gamtaan hojjechuu akka qaban waamichi dhiyaate.

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee waldanda’uu amantaalee ilaalichiisuun Abbootii amantaa garaa garaa waliin mari’achaa jira.

Mariin kunis ‘duudhaa waldanda’uu amantaa abootiin keenya eeganii nu dhaalchisan itti fufsiisuuf itti gaafatamummaa qabna, dhaabbileen amantaa bu’uura ijaarsa nageenyaati’ mata duree jedhuun gaggeeffamaa akka jiru himameera.

Maricharrattis dhaabbileen amantaa duudhaalee waliin jireenyaafi nageenyaa, akkasumas haqummaafi dhiifama caalaatti jajjabeessuuf gamtaan hojjechuu akka qaban waamichi dhiyaateera.

Marii Biiroon Kominikeeshinii fi Yaa’iin dhaabbilee amantaa magaallichaa waliin ta’uun qopheessan kanarrattis Hogganaa Biiroo Komunikeeshinii Magaalaa Finfinnee Obbo Yoonas Zawdee dabalatee, Abbootiin amantaa, Abbootiin Gadaafi kanneen biroo hirmaachaa akka jiran himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015