Hojii Pirojeektii Jallisii ammayyeesuufi damee kanaan humna namaa ogummaa qabu oomishuuf waliigalteen dandeessisu mallatteeffame

91

Finfinnee, Bitootessa 28, 2014 (TOI) – Hojii Pirojeektii Jallisii ammayyeesuufi damee kanaan humna namaa ogummaa qabu oomishuuf waliigalteen dandeessisu mallatteeffameWaliigalteen kun kan mallateeffamee Ministeera Jallisii fi Naannolee Gammoojjii fi Ministeera Hojii fi Kalaqaa gidduuttidha.

Dhaabbileen lameen dhimmoota waliin hojjechuu danda’an irratti sanada waliigaltee waliif kan mallatteessan yoo ta’u, waliigalticha Ministirri Jallisii fi Naannolee Gammoojjii Injinar Ayishaa Mahaammadii fi Ministirri Hojii fi Kalaqaa aadde Muufariyaat Kaamil mallatteessaniiru.

Ministirri Jallisii fi Naannolee Gammoojjii Injinar Ayishaa Mahaammadii sirna kanarratti akka himanitti sadarkaa biyyaatti hojiiwwan pirojeektii jallisii hedduun hojjetamaa jiru.

Hojiin kunis lammilee hedduuf carraa hojii akka uume himaniiru.Kanuma bu'uura godhachuun pirojeektoota kanneen ammayyeesuufi damichaaf tekinolojii barbaachisu fayyadamuun barbaachisa akka ta'ee himaniiru.

Kasattiyyuu ogummaa lammilee damee kanarratti hojjetanii cimsuuf qindoominni ministeera Hojii fi Kalaqaa waliin jalqabamee cimee kan itti fufu ta'uu himaniiru.

Minstirri hojii fi Qalaqaa aadde Mufaarat Kamiil gama isaaniin akka himanitti Ministeerichi Minsteeroota 8 ol waliin hojjechuuf karoorfachuun himaniiru.

Pirojeektonni kanaan dura hojjetaman hedduun isaanii rakkoo kan qaban ta'uusaniin tajaajila kennaa kan hin jirre akka jiran yaadachisuun rakkoo kana furuuf damee kanarratti ogeeyyii gahumsa qaban hojii kanarratti bobbasuuf karoorfachuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015