Uffataaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 1olitti tilmaamaman to’annaa jala oolu ibsame

68

Finfinnee, Bitootessa 27/2014 (TOI) – Uffataaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 1 fi kuma 200 olitti tilmaamamu to’annoo jala ooluu Komishiniin Gumurukaa Itoophiyaa Damee Hawaasa Buufata Ciicuu beeksise.

Uffataaleen kontiroobaandii to’annoo jala ooles kiiloo Giraama kuma 10 fi 931 ulfaatu ragaa sobaa fayyadamuun gara gidduu galeessaa biyyaatti galchuuf osoo yaalanii qaamolee nageenyaatin to’annoo jala ooluu itti aanaan buufatichaa komaandaar Masqalee Aragawu himan.

Uffataaleen kontiroobaandii to’ataman kunis konkolaataa lakkoofsa Gabatee -3 09117 Et ta’een Bulee Horaarraa gara gidduu galeessaa biyyaa osoo deemaa jiru to’atamuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015