Bakka hanqina dhiheessii Xaa'oo biyyoo Xaa'oo uumamaa bakka buusuuf hojjetamaa jira.

120

Bitootessa 27/2014(TOI) - Qaala'insa gatii xaa'oo biyyoon wal qabatee hanqina dhiheessii mudatee salphisuuf bakka xaa'oo biyyoo xaa'oo uumaamaa bakka buusuun oomishaafi oomishitummaa qonnaa guddisuuf hojjechaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Naannoo Oromiyaa, Amahaaraafi Sidaamaa himan.

Bara oomishaa 2014/15tti dhiibbaa alaafi Keessaarraa Itoophiyaa baraaruuf oomisha qonnaan guddisuuf hojii mootummaan xiyyeeffannoon hojjechaa jirudha.

Guddina oomishaafi Oomishitummaa qonnaa guddisuu keessatti gahee olaanaa kan qabu tokko Xaa'oo biyyooti.Yeroo ammaa hanqinni dhiheessiifi gatiin xaa'oo biyyoo dabaluun immoo hojii mootummaan oomisha qonnaa guddisuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jirutti qoramaata ta'eera.

Rakkoo sababa hanqina xaa'oo biyyoon uumamu xiqqeessuuf bakka xaa'oo biyyoo xaa'oo umamaa fayyadamuuf hojjetamaa jiraachuu hoggantoonni Biiroo Qonnaa naannoo Oromiyaa, Amahaaraafi Sidaamaa TOI dubbise himaniiru.

Itti aanaan hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Geexuu Gammachuu akka himanitti naannoo Oromiyaa bara oomishaa kana xaa'oo biyyoo kumtaala miiliyoona 8.2 barbaachisa.

Ta'us garuu bara kana xaa'oon biyyoo karaa Ministeerri qonnaa naannichaaf dhihaatu kumtaala miiliyoona 5.5 qofaadha jedhaniiru.

Naannichii xaa'oo dhihaateef kana bakkeewwan waqtii arfaasaa oomisha oomishaniif dhiheessaa jirachuu himuun haalli dhiheessiifi fedhiin jiru waan wal hin ginneef xaa'oo uumamaa bakka xaa'oo biyyoo buusuuf hojiin hojjetamaa jira jedhaniiru.

Gatiin xaa'oo bara darbe yeroo walfakkaataan yoo madalaamu dachaan dabaluun isaa maaliif kan jedhu gaaffii qonnaan bultootaati.

Gatiin xaa'oo karaa waldaalee hojii gamtaa dhihaachaa kan jiru ta'us Dallaloonnifi Daldaaltoonni seeraan alaa akka gatii xaa'oo kanarratti daballii hin taasifneef sadarkaa naannootii hanga aanaatti hordoffii cimaan ni taasifama jedhaniiru.

Hogganaan biroo qonnaa naannoo Amahaaraa Doktar Hayileemaaram Kaffaaloo akka himanitti bara oomishaa kana fedhiin xaa'oo jiru kumtaala miiliyoona 8 olidha. Haga ammaattis silaa xaa'oon miiliyoona 4 naannicha gahuu akka qabu himaniiru.

Rakkoo sadarkaa biyyaatti jiruun haga ammaatti naannicha xaa'oo kumtaala miiliyoona 1 qofaatu gahe jedhaniiru.Rakkoon kun dhiibba keessaafi sadarkaa addunyaatti jiru irra kan dhufe waan ta'eef filannoo fi furmaata biraa barbaaduun barbaachisadhas jedhaniiru.

Naannichaatti kanaan dura xaa'oo biyyoo haga barbaadamuu ol fayyadamuun biyyoon akka asiida'uu ta'ee jira.

Rakkoo kanaafii gatii xaa'oo yeroo ammaa dabaleen kanaas furamaanni xaa'oo uumamaarratti xiyyeeffannoon hojjechuudha jedhaniiru.

Hogganaan Biiroo Qonnaa naannoo Sidaamaa obbo Masfin Qarree akka himanitti naannichaatti dhiheessii xaa'oo biyyoo ilaalchisee hanqinni guddadha jedhamuu jiraachuu baatuus gatiin isaa kan bara darbeen yoo madaalamu dachaan dabaleera jedhaniiru.

Kanaaf qonnaan bultoonni akka caalaatti xaa'oo uumamaa qopheeffataan ni hojjetama jedhaniiru.TOI qonnaan bultootaaf dhiheessiin liqaa ni mijataafii gaaffii jedhu hoggantoota kanneen gaafatera.

Qonnaan bultoonni dhiisii xaa'oofi oomishaaf oolan kan biroo kan argatan karaa waldaalee hojii gamtaati.

Mootummaan karaa isaan liqaa ni mijeessafi jedhaniiru.Itoophiyaatti bara oomishaa kana xaa'oo biyyoo kumataala miiliyoona 19 barbaachisu keessaa kumataalli miiliyoona 12.8 bittaan isaa raawwatamee gara biyyaatti imaalchifamaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015