Wabii nyaataa mirkaneessuuf qonna magaalaa cimsuun murteessaa ta'uu Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad himan.

177

Bitootessa 27/2014(TOI) - Wabii nyaataa mirkaneessuuf qonna magaalaa cimsuun murteessaa ta'uu Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad himan.

Bal'inni boroo keenya hammam xiqqaatuyyuu yookaan boroodha bakka dhabnullee, guddinni magaalotii keenyaa wayita itti fufee jirutti wabii nyataa mirkaneessuufi nyaata madaalawaa argachuuf mana keessatti bakka kuduraaleen itti biqilfaman qabachuun qonnaa magaalaa cimsuuf murteessaa ta'uu doktar Abiyyi himaniiru.

Meeshaalee deddeebisanii faayidaa kennuu danda'anitti fayyadamuudhaan bakkeewwan kuduraalee irraanolii itti magarsan hojjechuun hedduwwaniif salphaadha jedhan.

Maatiiwwan humnasaanii kana godhanii itti fayyadamuu danda'an akka ilaalanin jajjabeessa ta'uu himaniiru

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015