Giddugalli Qo’annoofi Qorannoo Fayyaa Beeyladaa Biyyaalessaa, laabraatoorii fayyaa beelladaa Sidaamaafi Komboolchaaf birrii miiliyoona 7 taasise.

70

Bitootessa 26/2014(TOI) – Giddugalli Qo’annoofi Qorannoo Fayyaa Beeyladaa Biyyaalessaa, laabraatoorii fayyaa beelladaa Sidaamaafi Komboolchaaf birrii miiliyoona 7tti kan tilmaamamu meeshaalee laabraatoorii deeggarsa taasise.

Deeggarsicha bakka bu’uunni laabraatoorii fayyaa beelladdaa Sidaamaafi Komboolchaa, Sabbataatti kan argamu mooraa giddugalichatti argamuun fudhataniiru.

Daariktarri Olaanaa Giddugalichaa Doktar Tasfaayee Ruufaa’eel walharkaa fudhinsicha irratti giddigalichi laabraatoorii Komboolchaaf Birrii miiliyoona 4.5fi Sidaamaaf immoo miiliyoona 2.5 deeggarsa meeshaalee laabraatoorii taasisu himaniiru.