Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Kitaaba Ajajaa Shantamaa Gaashaayee Xeenaawuun barreeffame kan mata duree isaa 'Ajaja Kaabaa ganame' jedhu eebbisan.

86

Bitootessa 24/2014(TOI) - Ministirri Muummee FDRI doktar Abiyyi Ahimad Kitaaba Ajajaa Shantamaa Gaashaayee Xeenaawuun barreeffame kan mata duree isaa 'Ajaja Kaabaa ganame' jedhu eebbisan.

Sirna eebba kitaaba kanarratti Ministira muummee FDRI doktar Abiy Ahimad, Birgaader Jeneraal Kaasayee Camadaa, Daaqon Daani'eel Kibirat fi namoonni beekamoon biroon argamaniiru.

Doktar Abiy barreessaa kitaaba kanaatiin baga gammadde jechuu isaanii FBC gabaasera.

Qabiyyeen kitaaba kanaas gochaa ganumsaa ajaja kaabaarratti gareen shororkeessaa ABUT raawwatee, tarkaanfii garicha dhabamsiisuuf taasifameefi haga duula birmadummaa gi sabdaneessummaatti hojii hojjetame kan of keessatti hammatedha jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015