Ministirri Muummee doktar Abiy Ahimad Obbo Galaasaa Dilboon boqochuun gadda itti dhaga’amee ibsan

117

Finfinnee, Bitootessa 22/2014 (TOI) – Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad Obbo Galaasaa Dilboon boqochuun gadda itti dhaga’amee ibsaniiru.

''Obbo Galaasaa Dilboo du'aan boqochuusaanii dhagahuukootti baay'ee gaddeera.

Yeroo warraaksa barattootaarraa eegalee bilisummafi walqixxummaa uummata Oromootiif qabsaa'aniiru.

Keessumaa yeroo qabsoof Sumaalee keessa turanitti rakkoofi gidiraa hedduu akka dabarsan natti himanii turani.

Dhiheenya kana afeerraa hoggansa jijjiiramaatiin isaaniif taasifameen adeemsa qabsoo nagaa filatanii gara biyyasaaniitti deebi'uudhaan karaa nagaatiin qabsaa'uu jalqabuusaaniitiin cinatti filannoo bara 2013 tiin dhuunfaasaaniitti dorgomanii miseensa paarlaamaa ta'uu danda'aniiru.

Hamaafi gaarii bu'aa bayii qabsoo keessatti isaan mudate kaasuudhaan dargaggoonni lamaanirraayyuu akka baratan dhama'aa turaniiru.Obbo Galaasaan nama callisan, hubataa, waan godhan kan sababaan madaalaniifi dubbii nagaaf eenyummaa mijatu nama qaban turani. Obbo Galaasaa kan dhabne yeroo itti baay'ee nubarbaachisanittidha. Waaqayyo lubbuusaanii nagaadhaan haa boqochiisu.'' jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015