Minsteerichi lammilee qe'ee isaanirra buqqa'an deebisanii dhaabuuf deeggarsa birrii miiliyoona 100 taasise.

61

Bitootessa 21/2014(TOI) - Ministeerri magaalaa Fi bu'uura misoomaa naannoo Beenishaangul gumuziitti lammilee qe'ee isaanirra buqqa'aan deebisanii dhaabuuf kan oolu deeggarsa birrii miiliyoona 100 taasise.

Deeggarsa kanas ministirri Magaalaa fi Bu'uura misoomaa aadde Caaltuu Saanii magaalaa Asoosaa dhaquun qaama dhimmi ilaallatutti dabarsanii kennaniiru.

Deeggarsichas kan fuudhan pirezidaantiin naannoo Beenishaangul Gumuuz obbo Ashaadilii Hasan deeggarsa Ministeerichi taasiseef galateeffataniiru.

Deeggarsi taasifames lammilee qe'eefi qabeenya isaanirra buqqa'an deebisanii dhaabuu keessaatti gahee guddaa qaba jedhaniiru.Sirna kanarratti hoggantoonni mootummaa Federaalaafi naannichaa biroon argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015