Karoorri gaaffilee marii guutuu biyyattiitti gaggeeffamerratti ka’an deebisu qophaa’uun hojiitti akka hiikkaman kallattiin kaa’amuun himame.

49

Bitootessa 19/2014(TOI) - Karoorri gaaffilee marii guutuu biyyattiitti gaggeeffamerratti ka’an deebisu qophaa’uun hojiitti akka hiikkaman kallattiin kaa’amuun himame.

Karoorri gaaffilee marii guutuu biyyattiitti gaggeeffamerratti ka’an deebisu qophaa’uun hojiitti akka hiikkaman Paartiin Badhaadhinaa kallattii kaa’uusaa beeksiseera.

Paartiin Badhaadhinaa murtoowwanii fi kallattiiwwan yaa’ii 1ffaa dhiheenya gaggeesseerratti darbe ilaalchisee, Ummata guutuu biyyattii waliin mariin gaggeessaa ture xumuramuusaa fuula Feesbuukiisaarratti ibseera.

Mariin gaggeeffamaa ture xumuramuu hordofee guyyaa har’aa sadarkaa giddugaleessatti raawwii waltajjiiwwaniirratti gamaaggamani gaggeeffamuunis himameera.

Waltajjiiwwan naannolee hundaa fi bulchiinsa magaalootaa lamaanirratti, yaadoonni ijoon ka’an bakka itti aanaan pireezedaantii paartichaa obbo Adam Faaraahi argamaniitti gamaaggamameera.

Gaaffiwwan Ummata deebisuu fi rakkoolee jiran furuuf, karoorri qophaa’ee hojiitti kan hiikkamu ta’uus waliigalteerra gaa’ameera jedhame.

Haaluma kanaan karoorri yeroo gabaabaa, gidduugaleessaa fi yeroo dheeraa qophaa’uun gara hojiitti akka galamu paartichii kallattiis kaa’eera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015