Qaamolee lamaan gidduutti waliigalteen karoora mallattaa’e

88

Bitootessa,16/2014(TOI) - Mana Maree Magaalaa Finfinneefi qaama raawwachiiftuu gidduutti waliigalteen karooraa mallattaa’eera.

Manni Maree Magaalaa Finfinnee hojiilee ummataan hojjetamaniifi qaama raawwachiisu sirnaan hojii hordofiifi to’annoo gaggeessuuf koree dhaabbii gurmeessee gara hojiitti galeera.

Haaluma kanaan manni marichaa aangoo raawwachiisaa to’achuufi hordofuu qabu hojiirra oolchuuf, akkasumas sirna itti gaafatamummaa diriirsuuf akka tolu koree dhaabbiifi qaamolee raawwachiisaa gidduutti waliigaltee karoora bakka Kaantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeefi Af Yaa’iin Mana Maree Magaalaa Finfinnee Aadde Buzeenaa Alqaadir argamanitti mallatteessaniiru.

Waliigalteen kun dhaabbileefi qaamni raawwachiiftuu hojiilee lakkaa’anii walii laachuun, raawwiisaa ammoo safaranii walirraa fudhachuuf sirna gargaaru ta’uu ibsameera.

Waliigalteen kun qaama raawwachiiftuu kallattii sirriin to’achuufi hordofuuf kan dandeessise ta’uu Aadde Adaanach Abeebeen ibsaniiru.

Manni Marichaa itti gaafatamummaa ummataa akka ba’uufi sirna itti gaafatamummaa diriirsurra darbee raawwiin hojii gaariin akka jiraatu qooda kan qabu ta’uus dubbataniiru.

Gabaasni raawwii hojii fooyya’aan mana marichaaf akka dhiyaatus ni gargaara jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015