Mootummaan lammiilee naannoo Tigraayiif deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf jecha walitti bu’iinsa dhaabuu beeksise.

51

Finfinnee, Bitootessa 15, 2014 (TOI)- Mootummaan Itoophiyaa lammiilee naannoo Tigraayiif deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf jecha walitti bu’iinsa dhaabuu murteessuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.

Mootumman lammiilee naannoo Tigraayitti deeggarsa namoomaa barbaadaniif dhiyeessiin deeggarsaa akka ariifatuuf tarkaanfiiwwan garaagaraa fudhachaa jiraachuu ibseera.

Haaluma kanaan deeggarsi namoomaa karaa geejiba qilleensarraan kan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii akka dabaluu fi dhaabbilee deeggarsa dhiyeessaniif dhiyeessiin boba'aa fi maallaqa si’ataa akka ta’u taasifamuu eerameera.

Dabalataanis mootummaan gama sarara geejjiba Aba’alaa-Maqalee deeggarsi namoomaa akka dhiyaatuuf hojjechaa jiraachuu ibseera.

Deeggarsi namoomaa haala milkaa’ina qabuun naannicha akka qaqqabuuf yaalii danda’u hunda kan taasisu ta’uu ibsameera.

Lammileen naannoo Tigiraay hedduun deeggarsa barbaacha gara naannolee oollaatti godaanaa jiraniif mootummaan deeggarsa namoomaa dhiheessaa jiraachus beeksiseera.

Hawaasni naannolee oollaa uummata obbolaasaa gara isaatti godaanee dhufe haala gaariin simachaa waan jiruuf galatatu malaaf jedheera.

Lubbuu lammiilee rakkoo hamaa keessa jiran baraaruu fi dhamaatii lammiilee hir’isuuf qe'ee isaaniirra osoo hin huqqa'iin deeggarsi namoomaa akka dhaqqabuuf tarkaanfiiwwan kanaan duraarraa adda ta’an fudhachuun barbaachisaa ta’uu fi murtoo walitti bu’iinsa dhaabuu murteessuu ibsameera.

Dhaabbileen idil addunyaa deeggarsa taasisan akka dabalan waamicha dhiyeesseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015