Waltajjiin marii hawaasaa har'a magaalaa Samaraatti geggeeffama jira.

72

Bitootessa 15/2014(TOI) - Naannoo Affaar magaalaa Samaraatti waltajjiin marii hawaasaa har'a geggeeffama jira.

Waltajjiin kun mata duree Qormaanni baay'achuun adeemsa gara badhaadhinaatti ce'uuf taasifnu hin gufachiisu jedhuun geggeeffama jira.

Waltajjii kanas dursaa kan jiran miseensoota koree hoji raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa obbo Awwal Arbaa, Obbo Ahimad Shideefi obbo Tasfaayee Higgazuuti.

Hawaasni Magaalaa Samaraa- Loogaa kuma 1 ta'u waltajjii kanarratti hirmaachaa jira.

Haaluma walfakkaatuun naannichaatti godinaalee hundaatti mariin walfakkaataan geggeeffama akka jiru waajjirri Paartii Badhaadhinaa naannichaa beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015