Naannoo Beenishaangul Gumuuz magaalaa Asoosaatti waltajjiin marii hawaasaa geggeeffamaa jira.

141

Bitootessa 14/2014(TOI) - Paartiin Badhaadhinaa naannoo Beenishaanguul Gumuuz magaalaa Asoosaatti hawaasa waliin dhimmoota waqtaawwa irratti marichaa jira.

Waltajjii marii kana dursaa kan jiran Miseensota koree hojii raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa obbo Ashaadiil Hasanii fi doktar Abiraaham Balaayidha.

Marii kanaanis rakkoowwan nageenyaa naannichatti muli'achaa jiraniifi gaaffiiwwan biroon hirmaatoota mariicharra dhihaatee irrattti maryatamaa jira. Kallaattin furmaatas waltajjii kanarratti ni eerama jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015