Magaalaa Dirree Dawaatti mariin hawaasaa geggeeffama jira.

69

Bitootessa 14/2014 (TOI) - Bulchiinsa magaalaa Dirree Dawaatti waltajjiin marii hawaasaa geggeeffama jira.

Marii kanaan rakkoon bulchiinsa gaarii fi gaaffiiwwan misoomaa magaalichaa hawaasarraa dhihaatu irratti mariyachuun kallaatti furmaataa irrattis ni mari'atama jedhameera.

Waltajii marii kanas dursaa kan jiran Ministira Geejibaa fi Lojiistikii aadde Daagimaawit Mogos, Hoggansa olaanaa naannoo Oromiyaa keessa tokko kan ta'an obbo Sadaat Nasha, hoggansa olaanaa naannoo Somaalee keessaa tokko kan ta'an Injineer Mahaammad Shalleedha.

Marii kanarrtti hawaasni magaalichaa sadarkaan jiru , abbootiin amantaa,Abbootiin Gaadaa,jarsoliin biyyaafi ogaazoonni argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015