Jila Atileetiksii Shaampiyonaa Addunyaa mana keessaa marsaa 18ffaa olaantummaan xumure deebi’eef, simannaan ho’aan taasifame.

98

Bitooteessa 14/2014(TOI) - Jila Atileetiksii Shaampiyonaa Addunyaa mana keessaa marsaa 18ffaa olaantummaan xumure deebi’eef, simannaan ho’aan taasifame.

Jilli kun har’a ganama sa’aatii 1:50tti Buufata Xiyyaaraa Idil-Addunyaa Boolee yoo gahu aanga’oota olaanoofi maatii atileetiksiin simannaan ho’aan taasifameefi jira.

Simannaa kanarratti Ministirri Aadaafi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaa, Deetaan Ministiraa Damee Ispoortii Ambaasaaddar Masfin Charinnat, Pireezidaanti Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Komaandar Daraatuu Tulluu, Pireezidaanti Kubbaa Miilaa Itoophiyaa Obbo Isaayyaas Jiraafi maatiin atileetiksii argamaniiriu.

Atileetoonni mirgaan galan kunniin Buufata Xiyyaaraa Idil-Addunyaa Booleerraa eegaluun hanga Hoteela Sharaatan Addisitti marshii baandiin dabaalamuun hawaasa waliin gammachuusaanii ni ibsatu jedhameera.

Sirna Hoteela Sharaatan Addisitti gaggeeffamuunis qabxii gammachiisaa garichi galmeessiseef beekamtiifi badhaasni maallaqaa ni kennamaafi jedhameera.

Shaampiyoonaa fiigicha mana keessaa Jimaataa eegale hanga Dilbata darbeetti Sarbiyaa Magaalaa Beelgireeditti dorgomameen Itoophiyaa meedaaliyaa warqii 4, Meetii 3fi Nahaasii 2 argachuun walumaagalatti meedaliyaan 9’n addunyaarraa sadarkaa 1ffaan xumuruun ishee ni yaadatama.@OBN

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015