Namichii meeshaa waraanaa cimaa 'Bireenii' jedhamu 5 karaa seeraan alaa dabarsaa ture to'atame.

121

Bitootessa 13/2014(TOI) - Namichii meeshaa waraanaa cimaa 'Bireenii' jedhamu 5 karaa seeraan alaan magaalaa Daseerra gara godina Harargee Bahaatti dabarsaa ture meeshaalee seeraan alaa daddabarsaa ture waliin to'atame.

Namni to'annoo jala oole kun Magaalaa Daseetii ka'uun konkolaataa Laandkuruuzeer jedhamuu kan lakkoofsa gabatee 2 B23782 qabuun osoo fe'ee deemiti.

Namichi kun kan to'atame hodoffii Tajaajilli odeeffannoofi tika biyyaaleessanidha.

Namni meeshaa waraanaa seeraan alaa fe'ee deemu kunis magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Lammii Kuraa bakka Kaarraa jedhamun beekamu yeroo gahu Tajaajilli Odeeffannoo fi Tika Biyyaaleessaa Poolisii magaalaa Finfinneef eeruu laateen meeshaa fe'ee deemu waliin ta'atamuu himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015