Isteediyeemiin Wallaggaa Tajaajilaaf banaa ta'uun isaa carraa hojii dargaggootaaf uumuu keessatti ga'een isaa guddaadha – pirezidaant Lammaa Magarsaa

94


Finfinnee Ebla 03/2011 Isteediyeemiin Wallaggaa eebbifamee tajaajilaaf banaa ta'uun isaa dinagdee naannoo fi carraa hojii dargaggootaaf uumuu keessatti ga'een isaa guddaa ta'uu pirezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Lammaa Magarsaa himan.

Pirezidaantichi kana kan jedhan wayita Isteediyeemiin Wallaggaa eebbifamutti.

Pirezidaanti Lammaan akka jedhanitti Isteediyeemiin Wallaggaa tajaajila eegaluun isaa dinagdeen naannoo sanaa akka sosocho'uuf kaka'umsa ni ta'a.

Dabalataanis dargaggoota hojii fi bakka oolmaa dhabaniif eebbifamuun Isteediyeemii Wallaggaa bakka olaanaa qaba jedhan pirezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Lammaa Magarsaa.

Ispoortessitoota jajjaboo fi hedduu akka horannu, fayyaan lammiilee keenyaa akka eegamuuf qooda olaanaa akka qabaatu dubbataniiru.  

Xumuramuun ijaarsa isteediyeemii Wallaggaa Oromoon tokkoomnaan waan hedduu hojjechuu akka dandeenyu kan ittiin mul'isnudha jedhan pireezidaanti Lammaan.

Oromiyaa misoomtuu, badhaatuu fi bareedduu hawwinu ijaaruuf dargaggoon Oromoo tokko taanee waldhageettiin haa hojjennu jedhaniiru.

"Oromiyaa hawwinu ijaaruuf tokko taanee wal dhageettiidhaan hojjechuu qabna" jechuun dhaamanii jiru Obbo Lammaa Magarsaan.

Muummichi ministiraa doktar Abiyyi Ahimadis wayituma kana ergaa dabarsaniin Oromoon injifannoo amma argate kana dhalootattii dabarsuutu irraa eegama jedhaniiru.

Oromoon gootota durrii kan akka Abdiisaa Aagaa, Baaroo Tumsaa fi Hayilee Fidaa irraa tokkummaa biyyaaf qabsaa'uu barachuu qabu jedhaniiru.

Gara fuula duraattis Oromoon wal dhaggeeffatee, waliin ta'ee injifannoo amma argame kana gara galma haaraatti ceesisuu qaba jechuun ergaa isaanii dabarsaniiru.

Isteediyeemii Wallaggaa bajata mootummaa fi hirmaannaa ummataa birrii miiliyoona 196n ijaarsisaa xumurame jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015