Uummaanni Affaar injifannoo galmeesse misooma irrattis dabaluu qaba.

68

Bitootessa 13/2014(TOI) - Pireezidaantiin naannoo Affaar obbo Awwal Arbaa Uummaanni Affaar injifannoo garee shororkeessa ABUT irratti galmeesse misooma irrattis dabaluu qaba jedhan.

Uummanni Affaar injifannoo isaa misooma irrattis galmeessuun mataa isaafi biyyaa isaaf Badhaadhinaa gama hundaa mirkaneessuuf itti gaafatamummaa isaa bahaachuu qaba jedhaniiru.

Mootummaan naannichaa wayita waraana keessa turettis lafa heektara kuma 7 ol qamadiin misoomsuu Obbo Awwal Arbaan himniiru.

Naannichis gara fuuladuratti lafa bal’aafi qabeenya bishaanii qabu fayyadamuun gara misoomaatti galchuun fedhii oomisha qamadii biyyattii guutuuf yaalii taasifamu keessatti gahee isaa ni bahatas jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015